Fana: At a Speed of Life!

Akkaawuntoonni Maaykiroosooft hedduun miidhaa saaybariif saaxilamoodha

Finfinnee, Bitootessa 1, 2012 (FBC) – Miidhaa saaybariif hedduminaan kan saaxilaman mirkaneessa abbaa sadarkaa hedduu kan hin gaafannedha.

Akkaawuntii Maaykiroosooft Intarpiraayiz keessaa %99.9 miidhaa saaybasiif saaxilamoodha.

Akkaawuntoonni burjaajjii saaybariif saaxilamanis mirkaneessa abbaa sadarkaa hedduu (multi-factor authentication) kan hin gaafannedha jedheera Maaykiroosooft Intarpiraayiz. 

Akkaawuntii Maaykiroosooft Intarpiraayiz keessaa %11 qoftu mirkaneessa abbaa sadarkaa hedduu (multi-factor authentication) gaafata.

Miidhaa saaybariif kan saaxilaman akkaawuntiiwwan Maaykiroosooft Intarpiraayiz keessaa %99.9 mirkaneessa sirrii abbaa sadarkaa hedduu kan hin fayyadamnedha.

Akka ragaan dhaabbatichaa muul’isutti akkaawuntoota waliigalaa keessaa %0.5 baatidhaan miidhaa saaybariif kan saaxilamanidha.

Baatii Faranjootaa Amajjii, 2020 darbe qofa akkaawuntoonni miiliyoona 1.2 ta’an miidhaaf saaxilamaniiru.

Maddi:- welivesecurity.com

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.