Fana: At a Speed of Life!

Akkawuntootni Feesbuukii sobaa suuraa fuula namoota lafarratti hin uumamne fayyadamaa akka jiran dhaga’ame

Finfinnee, Amajjii 1, 2012 (FBC) – Akkawuntootni Feesbuukii sobaa suuraa fuula namoota lafarratti hin uumamne fayyadamaa akka jiran dhaga’ame.

Suuraa fuula namoota lafarratti hin uumamne fayyadamuun fayyadamtoota feesbuukii biroo goyyomsuu fi siistema dhaabbatichaa dogooggorsuuf carraaqa akka jiran dhaabbanni feesbuukii beeksiseera.

Akka ogeessoonni akkaawuntii sobaa kana gamaaggamanitti, suuraan sobaa kana fakkaatu eessattuu suuraa muldhate hin beekne yoo ta’ellee, miidiyaale hawaasaa tokko tokkorratti qaama duula gama tokko ta’uun yeroo tajaajilu kan argan yeroo jalqabaa ta’uu himaniiru.

Akka ibsa ogeessoota kanaatti dhaabbanni feesbuukii akkaawuntoota sobaa kana akka haqaman kan ta’e keessaa akkaawuntoota preezdaant Doonaald Traamp deeggaranii fi mootummaa Chaayinaa mormuuf baayyinaan kan hojjetamanidha jedhan.

Gochi akka kana yeroo ammaa kanatti Ameerikaan yeroo filannoof qophaa’a jirtutti uumamuun isaa ammoo dhimmicha akka  hammeessu ta’eera.

Gochi akkasii kun filannoo Ameerikaa bara Faranjoota 2016 gaggeeffamerratti uumamee ture.

Giddugalli Qorannoo Teeknooloojii Ameerikaa Siilkaan Vaalii fi Dhaabbanni Basaasaa Ameerikaa waliin ta’uun dhimma uumamee kan hiikuuf carraaqaa akka jiraan ibsameera.

Akkawuntoonni feesbuukii kun nama sirrii kan fakkaatuu fi gara kaameraa ilaaluun suuraa fuula fuulaatti ka’ame yoo ta’ullee wantoota nam-tolchee teeknooloojii fayyadamuun kan uumaman ta’uu ibsameera.

Maddi:-CNN

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.