Fana: At a Speed of Life!

Akkuma Daamaraa ifuun waan nutti dukkanaa’ee ibsaa injifattummaan itti haa fufnu-Kant. Adaanech Abeebee

Finfinnee, Fulbaana 16, 2015 (FBC) –Tokkummaa mirkaneesuun akkuma Daamaraa ifuun waan nutti dukkanaa’e hundaa ibsaa injifattummaan itti haa fufnu jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee.

Kantiibaa Adaanech, hordoftootaa Amantii Kiristaanaa maraan bagaa Ayyaana Masqalaan isin gahee jechuun ergaa dabarsaniiru.

Masqalli ayyaana Yesuus Kiristoos dhala namaaf sanyiin, bifaan, koorniyaan, amantaa fi garaagraarumma tokko malee jaallachuun lubbu isaa dabarsee kennuun jaalala dhuma hinqbnee kan argisiieedha jechuun Kantiibaan bulchiinsa magaala Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee ibsan.

Ayyaanni Masqalaa sirna amantaa, duudhaa fi aadaa ilaalamee hinquufamne hawwata uumamaa kan qabu ayyaanota ibsama biyyaa ta’an keessaa tokko ta’uu ibsaniiru.

Masqalli ayyaana jaalala, nageenyaa fi waliin jireenyaa ta’uu eeruun, sirni Daamaraa Masqalaa argisiistuu ifni dukkana injifachuuti jedhan.

Ayyaana kanas jaalalaan, waliif yaaduu, nageenya waaraaf hojjechuu, gootota kabajuu, gaachana ta’uu, tokkummaa mirkaneesuun, akkuma daamaraa ifuun waan nutti dukkanaa’ee hundaa ibsaa injifattummaan itti haa fufnu jechuun ergaa isaanii dabarsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.