Fana: At a Speed of Life!

Aljeeriyaan tapha Waancaa Afrikaa 33ffaa ala taate

Finfinnee, Amajjii 12, 2014 (FBC) – Taphoota Waancaa Afrikaa 33ffaa ramaddii xumura marsaa jalqabaa galgala kana taphatameen Ayvoorii Koosti Aljeeriyaa yoo injifattu Ikuwaatooriyaal Giiniin Seraa Liyoon injifatteerti.

Ayvoorii Koosti goolii 3 fi 1n Aljeeriyaa, Ikuwaatooriyaal Giiniin goolii 1 fi 0n Seeraa Liyoon injifachuun biyyoonni lamaan marsaa itti aanutti darbuu mirkaneeffataniiru.

Kessié daqiiqaa 22ffaa, Sangareen 39ffaa fi Peeppeen 54ffaarratti goolii tokko tokko Ayvoorii Koostiif yoo lakkoofsiisan, Aljeeriyaaf ‘Bendebkan’ daqiiqaa 73ffaarratti goolii 1 moo’aatamuurraa hin oolchine galcheera

Shaampiyoonaan Waancaa Afrikaa 32ffaaa/ 2019 Aljeeriyaan gamanumaan taphichaa ala taateerti.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.