Fana: At a Speed of Life!

Almaaz Afrikaarraa namoota seenaa dinqisiisaa qaban keessaa takka taate

Finfinnee, Muddee 16, 2012 FBC) – Almaaz Darrasaan bara Faranjootaa 2019tti Afrikaarraa namoota seenaa dinqisiisaa qaban keessaa takka taate.
 
Almaaz bara 1991 Godina Jimmaa, aanaa Limmuu Saqqaatti dhalatte.
 
Barumsa ishee sadarkaa 1ffaa magaalaa Mattuutti Mana Barumsaa Abuna Pheexroositti, sadarkaa 2ffaa ammoo achumatti Mana Barumsaa Abdii Boruutti baratte.
 
Almaaz Waxabajjii keessa qormaata biyyoolessaa yoo fudhattu daqiiqaa 30 booda daa’ima dhiiraa Yidiidiyaa jedhamu deessetti.
 
Bifuma wal fakkaatun lammiin Keeniyaa Piitar Taabaachiin mindaa barsiisummaan argatu barattoota harka qalleeyyii ta’an ittiin deeggaruun nama seenaa dinqisiisaa qabu jedhameera.
 
Piitar Bitootessa darbe badhaasa barsiisota idil addunyaa badhaafamuun ni yaadatama.
 
Piitar barsisaa herreegaa fi fiziiksii yoo ta’u, barattoonni shamarranii barnoota saayinsiif jaalala akka qabaatan hojii jajjabina irratti xiyyeeffatu hojjechaa tureera.
 
Seenaa dinqisiisaa biraatin sadarka 3ffaarratti kan argamu lammii Yuugandaa umuriin isaa waggaa 29 ta’e Joordaan Kiinyaarii jedhamudha.
 
Bara Faranjootaa 1996 abbaa isaarraa lafa fudhatame deebisiisuuf barumsa seeraa baratee, falmii waggaa 23n booda abbaan isaa wayita umriin isaa waggaa 82 ta’u injifateera.
 
Sadarkaa 4ffaarratti kan argaman ammoo bara Faranjootaa 2019 daa’imman baadiyyaa Afrikaa Kibbaa keessaa ba’uun televiizhinii Ameerikaa tokkorratti sirba Afrikaanotaa dhiyeessanidha.
 
Qophii dhiyeessaniin yeroo sanaaf Ambaasaaddara Afrikaa jedhamaniiru.
 
Sadarkaa 5ffaarratti kan argamu Ebla darbe Noorweey keessatti badhaasa eegumsa naannoo kan argate lammii Laaybeeriyaa Alfired Roowneeli.
 
Alfired lafa heektaara kuma 500 ol bosonoomsera.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.