Fana: At a Speed of Life!

Amantaan Musiliimaa nageenya labsuu, waldhabdee maqsuu fi araara buusuun beekama- obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Eebla 4, 2013 (FBC)- Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa calqabbii Sooma Ramadaanaa sababeeffachuudhaan hordoftoota amantaa Musiliimaatiif ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Duraan dursee hordoftoota amanataa musiliimaa hundaan baga baatii eebbifamaa ykn Ramadaanaan isin gahe jechuun fedha jedhaniiru.
Baatiin Ramadaanaa hordoftoota amantaa Musiliimaa biratti akkaataa addaatti ilaalamu kun madda dhaala duudhaa utubaa safuufi safeeffannaa akka ummataatti qabaachuu malluu ta’ee nu tajaajilaa jira.
Hordoftoonni amantichaa Rabbiin sodaacchuufi safeeffachuun, dhala namaafi uumamaaf yaaduufi birmachuu waliin walitti hidhata guddaa qabaachuu lallabu. Barsiisa kanas hojii qabatamaa yeroo hundaatiin ibsu. Ho’a-qabeessummaan, gara-laafinniifi kan rakkateef birmachuun gocha yeroo ramadaanaa qofa osoo hin taane, qajeeltoo amantichaa kan yeroo hundaa maayii itti bahan ta’uu barsiisu.
Haa ta’u malee, yeroo Ramadaanaa deeggarsiifi gargaarsi addatti hordoftoonni amantichaa harka-qalleeyyiif taasisan biyya lammiilee sarara hiyyummaa gadi jiran hedduu qabdu akka keenyaa keessatti humna murteessaa ta’ee kan tajaajiluudha.
Hundaa olitti kan namni har’a nyaatee bulu qofa osoo hin taane, liqii dhala maleetiin olla fi obbolaa harka-qalleeyyii bira dhaabbachuun hawaasa musiliimaa biratti kan baratameedha. Dhala namaa halluun, sanyiin, amantiifi saalaan osoo adda hin baasin gargaaruun ammoo musiliimota biratti kan baratameedha.
Kabajamtoota hordoftoota amantaa Musiliimaa naannoo fi biyya keenyaa,
Amantaan Musiliimaa nageenya labsuu, waldhabdee maqsuu fi araara buusuun beekama.
Keessattuu, qajeeltoowwan amantichaa bu’uureffachuudhaan hojii akka dhaabbata amantichaatti dhaloota itti gaafatamummaafi quuqamni itti dhagahamu ijaaruuf hojjetamaa dinqifannaa addaatiin ilaalla.
Akka mootummaattis aadaawwaniifi duudhaalee man-dhalee hojii ijaarsa biyyaafi dhalootaa utuban akkasii jajjabeessuun har’aafi egeree keenya tolchuuf hojjechaa jirra.
Kanaafuu, carraa kanatti fayyadamnee baga baatii sooma Ramadaanaa geessan wayita jennu, ergaa ijoo lama dabarsuu barbaanna. Dursarratti, qabeenya waloo keenyaa kan taate naannoofi biyya keenya keessatti nageenyiifi tasgabbiin amansiisaan akka jiraatuuf dhibaa’ummaafi masiluufummaa maqsuudhaan dhaloota dhugaafi hojiitti amanu horachuurratti hidhannee waliin haa hojjennu jechuun fedha.
Lammaffaarratti ammoo, hanga har’aatti hojiiwwan gaggaarii hiyyeessaaf birmachuu, harka-qalleeyyii bira dhaabbachuufi tumsa lammummaa fuula namaafi Uumaatti gatii ol’aanaa qabu raawwachaa turtaniittu.
Ji’a Ramadaanaa eebbifamaa kana keessattis hojiiwwan gaggaarii aadaafi duudhaa godhattanii ummata keenya dhaalchisaa jirtan sana cimsitanii itti fufsiisuudhaan milkaa’inaan akka xumurtan amantaa guutuu qabna.
Kanaafuu, irree gamtoomeen hojjennee galmoota badhaadhinaa qabanne milkeessuudhaan gadadoofi hiyyummaa injifachuuf akka hojjennu waamicha imaanaa dabarsina.
Ramadaan Kariim!!!
Shimallis Abdiisaa
Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Finfinnee
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.