Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Alamaayyahu Taganuu Afrikaatti itti aanaa Daayreektara qajeelcha ministeera dhimma alaa Raashiyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 8, 2013 (FBC) – Raashiyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Alamaayyahu Taganuu Afrikaatti itti aanaa Daayreektara qajeelcha Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaa Toodoo Joorji Vilaadiimiirooviich waliin mari’atan

Haala waqtawaa Ityoophiyaa fi hariiroo biyyoota lamaaniirraatti xiyyeeffachuun mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Alamaayyahun duulli olaantummaa seeraa mirkaneessuu naannoo Tigraayitti gaggeeffamaa ture milkiin xumuramuu ibsaniiru.

Hoggantoota garee juuntaa seeraan barbaaddaman to’annoo jala oolchuu cinaatti hojiin deeggarsa namoomaa dhiyeessuu fi bu’uuraalee misoomaa deebisanii ijaaruu hojjetamaa jiraachuu ibsa taasiisaniiru.

Afrikaatti itti aanaa Daayreektara qajeelcha Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaa Toodoo Joorji Vilaadiimiirooviich gama isaaniin duulli olaantummaa seeraa mirkaneessuu naannoo Tigraayiitti gaggaaffame dhimma keessaa Ityoophiyaa ta’uu isaan giddugalummaan kan hin barbaachifne ta’uu kaasaniiru.

Dhimmi daangaa Ityoo – Sudaan dippiloomaasiin furmaata akka argatu abdii qaban ibsuu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.