Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Dirribaa Kumaan Barreessituu Tumsa Misoomaa Idil Addunyaa Swiidiin waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 25, 2013 (FBC) – Swiidiinitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Dirribaa Kumaan Barreessituu Tumsa Misoomaa Idil Addunyaa Swiidiin Jaaniin Aliim Erksiisaan waliin mari’ataniiru.
Marii isaaniitin Ambaasaaddar Dirribaan mootummaan naannoo Tigraayitti deeggarsa namoomaa taasisaa jirurratti ibsa taasisaniiru.
Kanarra darbees Ityoophiyaan rakkoo daangaa Sudaaniin qabdu karaa nagaa hiikuuf qophii qabduurratti ibsa laataniiru.
Kana waliin walqabsiisee Ityoophiyaa marii osoo hin eegaliin dura Sudaan lafa weerarte ariitiin gadi lakkistee akka baatuu fedhii qabdu ibsaniiru.
Barreessituu Tumsa Misoomaa Idil Addunyaa Swiidiin Jaaniin Aliim Erksiisaan gama isaaniitin, mootummaan Ityoophiyaa miidiyaalee idil adduunyaaf naannoo Tigraayiin bana taasisuu hubachiisaniiru.
Komiishiniin mirga namoomaa naannoo Tigraayitti dhitta mirga namoomaa waliin walqabsiisee gabaasa baaseef dinqisafataniiru.
Naannichaattis deeggarsi namoomaa taasifamaa jiru cimee itti fufuu akka qabu himaniiru.
Marii isaaniitin tumsaa misooma biyyoota lamaan giddu jiru cimsuuf akka hojjetaan ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.