Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Maarqos Takleen haala waqtaawaa Ityoophiyaa ilaalchisee miidiyaalee idil addunyaaf ibsa laatan

Finfinnee, Bitootessa 22, 2013 (FBC) – Kaayirootti Ambaasaaddarri Guutuun Ityoophiyaa Maarqos Takleen miidiyaaleee Idil Addunyaa Kaayirootti argamaniif haala waqtaawaa Ityoophiyaa ilaalchisee ibsa laataniiru.

Gibtsii fi Ityoophiyaan biyyoota amantaa fi uumamaan walitti hidhaman ta’uu ibsaniiru.

Miidiyaaleen hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf dhimmoota gargaaran gabaasuun dirqama isaanii ba’uu qabu jedhan.

Ambaasaaddar Takleen duula olaantummaa seeraa mirkaneessuu naannoo Tigraayitti gaggeeffame hordofee, tattaaffii deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuuf taasiifamaa jiruu fi bu’uuraalee misoomaa miidhaman deebisanii ijaaruuf hojiilee hojjetamaa jiran irraatti ibsa laataniiru.

Ityoophiyaan mariin sadee hidha haaromsaa dursummaa Gamtaa Afrikaan akka gaggeeffamu fedhii olaanaa qabaachuu ibsa taasiisuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarrraa argame ni muul’isa

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.