Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Mallas Alam Ambaasaaddara Aljeeriyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 7, 2012 (FBC) – Ambaasaaddar Mallas Alam teessoo isaanii Naayroobii kan taasiisan Ambaasaaddara Aljeeriyaa  Salmaa Maliikaa Hadaadii waliin mari’atan

Marii isaaniin waltajjiilee waajjira Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Naayroobiitti argamuun gaggeeffamu irratti haala walitti dhiyeenyaa waliin hojjechuu danda’an irratti mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Salmaa Maliikaa Hadaadiin Imbaasii Ityoophiyaa Keeniyaatti argamu daawwataniiru.

Salmaan Maliikaa Hadaadiin kanaan dura Finfinneetti dursaa itti aanaa argamaa ta’uun tajaajiluu isaanii ragaan Imbaasii Ityoophiyaa Keeniyaarraa argame ni mul’isa.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.