Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Reedwaan ambaasaaddaroota biyyoota garaagaraa waliin mari’atan

Ambaasaaddar Reedwaan ambaasaaddaroota biyyoota garaagaraa waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 18, 2012 (FBC) – Ministir deettaan Ministeera Dhimma Alaa FDRI Ambaasaaddar Reedwaan Huseen ambaasaaddaroota biyyoota addaddaa teessoo isaanii magaalaa Finfinnee godhatan waliin mari’atan.

Ambaasaaddar Reedwaan ambaasaaddaroota Deenmaark, Kaazaakiistaanii fi Indooneezhiiyaa waliin waajjira isaaniitti mari’ataniiru.

Ityoophiyaan biyyoota kanneen waliin hariiroo waloo siyyaasaa, qonnaa, Ispoortii, daldalaa, barnoota, aadaa, invastimantii, saayinsii fi teeknooloojii daraan cimsuun haala danda’amurratti mari’ataniiru.

Ambaasaaddaroonni kunneen gama isaaniin,jijjiirrama diinagdee fi siyyaasaa Ityoophiyaan gaggeessaa jirtu dinqisiifataniiru.

Waliigaltee hariiroo biyyoota kanneen waliin kana dura  walii mallattaa’e gara hojiitti hiikuu fi walii galtee haaraa hariiroo waloo cimsuu danda’an walii mallatteessuuf waan isaanirraa eeggamu hunda xiyyeeffannoon kan raawwatan ta’uu ibsaniiru.

Dhimmoota waloo fi idila addunyaa kamiiyyuurratti waliin hojjechuuf  balballi isaanii banaa ta’uu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaa FDRI irraa argame ni mul’isa.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.