Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Silashii Baqqalaan baaftota seeraa garaagaraa Ameerikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 23, 2014 (FBC) – Ameerikaatti Ambaasaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Injiinar Silashii Baqqalaa, seenaatarootaa fi baaftota seeraa garaagaraa Ameerikaa waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin, Ambaasaddar Silasiin, mootummaan Ityoophiyaa sababa walitti bu’iinsaa fi hongeen lammiilee rakkolee garaagaraa keessatti argamaniif deeggarsa namoomaa, nageenya waaraa mirkaneessuuf tattaffiiwwan taasifamaa jiran, Ityoophiyaatti yaalii shororkeessaan Alshabaaba taasisee fi dhimmootaa biroorratti ibsa taasisaniiru.

Baaftonni seeraa Ameerikaa gama isaaniin, lammilee rakkoo keessatti argamaniif deeggarsa namoomaa taasisuuf tattaffi taasifamaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu ragaan Ameerikaatti Embaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Dabalataanis, mootummaan Federaalaa kutaa Kaaba biyyattiitti walitti bu’iinsa mudate karaa nagaa mariidhaan furuun nageenya waaraa mirkaneessuuf kutannoo qabu dinqisiifataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.