Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Yibalxaal Sudaanitti Ambaasaaddara Chaayinaa waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 23, 2013 (FBC) –Sudaanitti ergamaan Addaa Ityoophiyaa Ambaasaaddar Yibalxaan Ayimiroon Sudaanitti Ambaasaaddara Chaayinaa Maa Ziinmiin waliin dhimmoota naannawaa fi waloorratti mari’ataniiru.
Ambaasaaddar Yibalxaal haala waqtaawaa naannoo Tigraay, qophii filannoo marsaa 6ffaa, dhimma marii sadee Hidha Haaromsaa fi waldhabdee daangaa Ityoo – Sudaan irratti ibsa taasisaniiru.
Ambaasaaddar Maa Ziinmiin gama isaaniin Ityoophiyaan dhimma keessoo ishee giddugaltummaa tokko malee ofiin furuu mirga qabaachuu ibsaniiru.
Dhimmi marii sadee Hidha Haaromsaa fi waldhabdeen daangaa Ityoo – Sudaan mariin furamuu akka qabu biyyi isaanii ejjennoo qabaachuu dubbataniiru.
Chaayinaan mariin sadee hidha haaromsaa mariisiisummaa gamtaa Afrikaan akka gaggeeffamu kan deeggartu ta’uu eeraniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.