Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Zyaawoo Yziyuuwaan hariiroo Afrikaa – Chaayinaaf gumaacha Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa taasise galateeffatan

Finfinnee, Bitootessa 18, 2015 (FBC) – Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Chaayinaa Zyaawoo Yziyuuwaan hariiroo Afrikaa – Chaayinaaf gumaacha Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa taasiiseef galateeffataniiru.

Ambaasaaddarichi hojii raawwachiisaa Olaanaa Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa Masfin Xaasaw waliin mari’ataniiru.

Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa torbeetti yeroo 50 ol Ityoophiyaa gara Chaayinaatti balallii kan taasisu ta’uu isaan gammachuun itti dhaga’amuu Ambaasaaddar Zyaawoo Yziyuuwaan fuula Tiwiitarii isaaniin ibsaniiru.

Daandiin Qilleensichaa hariiroo ummattootaa Afrikaa fi Chaayinaa, akkasumas hariiroo daldalaaf gumaache taasiiseef galateeffataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.