Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddaroonni biyyoota Afrikaa Ityoophiyaatti argaman Akkaadaamii Hoggansaa Afrikaa daawwatan

Finfinnee, Guraandhala 2, 2015(FBC)- Ambaasaaddaroonniifi hoggantoonni  olaanoon biyyoota Afrikaa Ityoophiyaatti argaman Akkaadaamii Hoggansaa Afrikaa daawwataniiru.

Pireezidaantiin akkaadaamichaa Dooktar Mihirat Dabbabaan, dhaabbatichi haala guutuu ta’een hoggantoota olaanoo leenjisaa jiraachuu ibsaniiru.

Kanas sadarkaa Afrikaatti guddisuun dandeettii hoggantoota ardichaa cimsuun badhaadhina Afrikaa mirkaneessuuf hojjetamaa jira jedhan.

Akkaadaamichi leenjii dabalataan tajaajila qorannoofi gorsaan hojii bal’aa hojjechaa jiraachuu eeruun, yeroo dhiyootti fooramii Paan Afrikaanizimii kan qopheessu ta’uu ibsaniiru.

Daawwannicharratti Ministeera Dhimma Alaatti Daayrektara Olaanaa Dhimmoota Afrikaa Ambaasaaddar Fissahaa Shaawul dabalatee hoggantoonni olaanoon akkaadaamichaa argamuu ragaan dhaabbaticharraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.