Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan 5G Huwaawee fayyadamuun maraatudha jechuun Biritaaniyaa akeekkachiifte

Finfinnee, Amajjii, 6, 2012 (FBC) – Ameerikaan neetwoorkii dhaloota shanaffaa (5G) Huwaawee fayyadamuun maraatudha jechuun Biritaaniyaa akeekkachiifte.

Ameerikaan tajaajila dhaabbilee Chaayinaa fayyadamuun odeeffannoo haaraa soda nageenyaa fiduu danda’u Biriitaaniyaaf dhiyeesite.

Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp dhimmicharratti Muummee Ministira Booris Joonsaan irratti dhiibbaa uumuu akka barbadaan eerameera.

Baatii kana dhaabbanni Huwaawee Biriitaaniyaaf diriirfamuun neetwoorkii ilaalchisee murteen ni darba jedhameet eegama.

Dubbu himaan Huwaawee waggoota 15 darbaniif Biriitaaniyaatti meeshalee 3G fi 4G dhiyeessa tureera jedhan.

Ameerikaan waggaa darbe soda nageenyaaf jecha dhaabbata Huwaawee fi dhaabbilee biro 68 irra qoqqobbi kaa’uun ishee ni yaadatama.

Maddi:- BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.