Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan balalii xayyaarota imaltootaa Chaayinaadhaa taasifaman ittiste

Finfinnee, Caamsaa 27, 2012 (FBC) – Ameerikaan balalii xayyaarota imaltootaa Chaayinaadhaa taasifaman ittiste.
 
Ittisni balalii imaltootaa kunis Waxabajjii 9 eegalee hojiirra kan oolu ta’a jedhameera.
 
Biiroon Geejibaa Ameerikaa akka beeksisetti, ittisichi kan dabarfame Beejiing weerara vaayrasii koroonaa ega to’atteen booda xiyyaaronni Ameerikaa gara isheetti akka balali’an eeyyamamoo ta’uu dhabuu isheetini jedheera.
 
Qoqqobbiin balalii kunis xiyyaarota Chaayinaa afur; Eer Chaayinaa, Chaayinaa Iistararn Eer Laayin, Chaayinaa Saawzarn Eer Laayinii fi Haayinaan Eer Laayin irratti hojiirra kan ooludha.
 
Ittisni ba’es eeyyama preezdaant Doonaald Traamp argannaan hojiirra kan oolu ta’a.
 
Preezdaantichi kanaan dura daldala haqa qabeessa hin taane jedhaniin, dhiyeenyammoo sababii vaayrasii koroonaatin Chaayinaa komachaa jiraachun isaanii ni beekaman.
 
Waashiingitanitti kan argamu imbaasiin Chaayinaa garuu amma ammaatti dhimmicharratti wanti jedhe hin jiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
Maddi; bbc.com
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.