Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan naannawaa Galaana Kibba Chaayinaatti buufata waraanaa ijaaruuf karoorsuun ishee Chaayinaa dheekkamsiise

Finfinnee, Bitootessa 14, 2015(FBC)- Ameerikaan dhiyeenya naannawaa Galaana Kibba Chaayinaatti buufata waraanaa ijaaruuf karoorsuun ishee Chaayinaa dheekkamsiisuu gabaafame.

Ameerikaan dhiyeenya Filiippiinsitti buufataalee waraanaa haaraa 4 ijaaruuf ta’uu Pireezidaantiin Filiippiinsi Ferdinaand Maarkas beeksisaniiru.

Buufataalee waraanaan kanneen keessaa tokko odola chaayinaa dabalatee biyyoonni hedduun gaaffii naaf mala jechuun dhiyaassan irratti kan ijaaramu ta’uu mirkaneessaniiru.

Ijaarsi buufata waraanaa kun qaama tumsa Raayyaa Ittisaa Ameerikaafi Filiippiinsi waliif mallatteessaniii ta’uu kaasaniiru.

Karoorri Ameerikaan buufata waraanaa naannawaa dhiyeenya Galaana Kibba Chaayinaatti ijaaruuf qabatte kun Chaayinaa dheekkamsiisuu himameera.

Keessumaa buufanni waraanaa Ameerikaan odola Looz jedhamurratti ijaaruuf karoorfatte walitti dhiyeenya hin barbaachifne Tayiwaanii waliin qabdu cimsuuf kan karoorfattedha jechuun Chaayinaan qeeqxeetti.

Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Weenbiin, tumsi loltummaa biyyootaa nageenyaafi tasgabbii naannawichaa mirkaneessuuf malee faayidaa biyyoota biro miidhuuf taasifamuu akka hin qabaanne ibsuusaanii RTn gabaaseera.

Miirri ofittummaa Ameerikaa naannawicha muddama cimaa keessa galchuu akka malu eeraniiru.

Biyyoonni naannawichaas birmadummaa isaanii dammaqinaan eeguu akka qabaniifi Ameerikaaf meeshaa ta’uu akka hin qabne yaadachiisaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.