Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan talaallii Covid-19 Ityoophiyaaf deeggarsa taasisuufi

Finfinnee, Adooleessa 9, 2013 (FBC) – Ameerikaan talaallii Covid-19 doozii kuma dhibba 4 fi kuma 53 fi 600 Ityoophiyaaf deeggarsa taasisuuf ta’uu ibsameera.
Mootummaan Ameerikaa talaalii ‘Joonsan and Joonsan’ jedhamu deeggarsa kan taasiisu yoo ta’u, Wiixata dhufu Finfinnee ni ga’a jedhameera.
Ameerikaan torbeewwan dhufa biyyoota Afrikaa 49f talaallii Covid-19 doozii miiliyoona 25 deeggarsa kan taasiiftu ta’uu Dhaabbanni dhiyeessa talaallii idil addunyaa ‘Gaavii’ jedhamu gabaasa baaseen himeera.
Deeggarsi marsaa jalqabaa miiliyoonni 1 Burkiinaafaasoo, Jiibuutii fi Ityoophiyaaf kan qaqqabu ta’uu ibsameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.