Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan tarkaanfii dhukaasa dhaabuu Ityoophiyaan fudhatte kan deeggartu ta’uu beeksiifte

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2013 (FBC) – Ameerikaan tarkaanfii dhukaasa dhaabuu Ityoophiyaan fudhatte kan deeggartu ta’uu Waajjirri Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaa biyyattii ibsa baaseen ibseera.
Waliigalteen dhukaasa dhaabuu kun walitti bu’iinsa kan dhaabu, deeggarsi namoomaa daangaa malee akka qaqqabu taasiisuu yoo danda’e bu’aa qabeessa ta’uu akka danda’u ibsa isaan eereera.
Birmadummaa fi tokkummaa Ityoophiyaa eegsiisuu fi naannoo Tigraatti tasgabbiin akka bu’u qaamni hundi ga’ee isaa ba’uu akka qabu Ameerikaan gaaffatteerti.
Qaamoleen hundi seera idil addunyaa kabajuu akka kabajan ibsichaan himameera.
Ameerikaan naannoo Tigraayitti deeggarsa namoomaa barbaachisu dhaabbilee deeggartootaa idil addunyaa biroo waliin ta’uun tumsa taasiisuuf qophii ta’uu ibsichi eereera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.