Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaatti COVID-19 lubbuu namoota kuma 500 olii darbe

Finfinnee, Gurraandhala 16, 2013 (FBC)-Ameerikaatti erga vaayrasii koroonaa muul’dhate lubbuun namoota kuma 500 olii darbuun hordofee Preezdaantiin biyyatti Joo Baayidaan gadda itti dhaga’aame ibsaniiru.
Biyyattittis guyyoota shaniif alabaan akka gadii siqee fannifamuu ajajni darbeera.
Preezdaantichi Ameerikaanoonni adda addumaa isaanii cinatti dhisuun weerara vaayrasii koroonaa waloon akka ittisan yaadachiisaniiru.
Lubbuun lammiilee biyyatti lola addunyaa 1ffaa fi 2ffaatin darbeen wal bira qabamee yoo ilaallamuu, kan vaayrasii koroonaatin lubbuu isaanii dhaban akka caaluu ibsameera.
Preezdaantii Baayidaan ‘White House’tti sirni dungoo qabsiisuu erga raawwatee booda, Alaabaan Ameerikaa guyyoota 5’n itti aananitti gadi siqee akka fannifamus ajaja dabarsanii jiru.
Waliigala Ameerikaatti namoonni miiliyoona 28.8 vaayrasii koroonaatiin yoo qabaman, lubbuu namoota kuma 500 olii darbeera.
Maddi:-CGTN
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.