Fana: At a Speed of Life!

Doolaarri kuma 99 Ameerikaatti dhalataa Itoophiyaa lammii Ameerikaa ta’e harkatti qabamee ture mootummaan fudhatamuu danda’a jedhame

Finfinnee, Fulbaana 6, 2013 (FBC) – Doolaarri kuma 99 Ameerikaatti dhalataa Itoophiyaa lammii Ameerikaa ta’e harkatti qabamee ture mootummaan fudhatamuu danda’a jedhame.

Dolaarri Ameerikaa kuma 99 torban darbee keesssa buufata xiyyaaraa Ameerikaatti dhalataa Itoophiyaa lammii Ameerikaa ta’e harkatti qabamee ture mootummaan fudhatamuu danda’a jedhame.

Torban darbe keessa dhalataan Itoophiyaa Ameerikaa jiraatu tokko to’attoota gumurukaatti osoo hin beeksisiin dolaara Ameerikaa kuma 99 qabatee Ameerikaa bahuuf osoo jiruu qabamuun himamee ture.

Akka ragaa BBC Amaariiffaa kutaa to’annoo daangaa fi gumuruka jalatti Waajjira Tika Nageenya Biyya Keessaa Ameerikaa irraa argadhe jedheetti, maallaqichi mootummaan fudhatamuu danda’a jedhameera.

Imalaan kun torban darbee guyyaa Roobii ture Waashingitan irraa gara Finfinneetti osoo imaluuf jiruu to’attoota daangaa fi gumuruka Ameerikaatiin maallaqni dolaara kuma 99 ta’u to’atamuun kan himame.

BBCn akka mirkanneeffachuu danda’eettis, maallaqni nama kana harkatti kan qabame dolaara 98,762 yoo ta’u, kunis gara Birriitti yoo geedaramu miliyoona 3.6 ol kan ta’udha.

Dubbi himaan waajjira gurumukaa Istiiv Saappii deebii gama barreeffamaan BBCf kennaniin, Dolaarri namni kun qabatee ture kan to’atame, sababii seera biyyattii imaltoonni hanga maallaqa qabatanii beeksiisuu qaban waan cabseef.

Kana malees, namni jedhame kun sababii kanaan kan hin hidhamne yoo ta’u, waan himannaan yakkaa irratti hin banamneefu eenyummaansaa akka ifa hin taasifamne beekuun danda’ameera.

Haata’u malee, namni kun haala seerri biyyattii gaafatuun hanga maallaqa qabatee turee waan hin beeksifneef, dolaarri kumni 98,762 jalaa qabameera.

Maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.