Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaatti dhugaatin alkoolii du’a dachaadhan dabaleera – qorannoo

Finfinnee, Muddee 30, 2012 (FBC) – Ameerikaatti dhugaatii alkoolii waliin gosoonni du’aa hidhata qaban dachaan dabaleera jedhe qorannaan tokko.

Barruun Ameerikaa qoranichaa qabatee ba’e tokko akka muldhisutti Ameerikaatti alkoolii waliin walqabatee lakkoofsi namoota du’anii dabalaa dhufeera.

Keessattuu lakkoofsi dubartootaa dhugaatii alkoolitiin lubbuu isaanii dhaban dachaan dabaluu ifoomsera.

Waraqaan ragaa du’aa bara Faranjootaa 1999 hanga 2017 akka muldhiisutti, lakkoofsi namoota dhugaatii alkooliin walqabatee du’anii %50.9 dabaleera.

Bu’uuruma kanaan bara Faranjootaa 1999 hammi namoota du’anii kuma 35 fi 914 kan ture yoo ta’u, bara Faranjoota 2017 gara kuma 72 fi 558 guddachuun isaa eereera.

Lammiileen Ameerikaa galii waggaatti argatanirraa %8 dhugaatiif akka oolchan qoranichi ifoomsera.

Kana waan ta’eef dhugaatii alkooliirra gibirri olaanan kaa’ameera.

Manneen dhugaatii fi konkolaachiftoota to’achuun rakkinicha furuun akka danda’amu eerameera.

Maddi:- CNN

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.