Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii kuma dhibba 1 fi kuma 12 fi 468 ga’e

Finfinnee, Bitootessa 19, 2012 (FBC) – Ameerikaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii kuma dhibba 1 fi kuma 12 fi 468 ga’uu ibsame.
 
Xaaliyaanittis namoonni qabaman kuma 92 fi 472 ta’eera.
 
Ameerikaatti namoota qabaman keessaa namoonni kumni 1 fi 600 yoo du’an Xaaliyaaniitti ammoo namoonni kumni 10 fi 23 du’uu isaaniitu himame.
 
Ispeenitti guyyaa har’aa qofa namoonni 832 dhibichaan yoo du’an, namoonni qabaman ammoo kuma 72 fi 248 irra ga’eera.
 
Waliigala addunyarratti hanga sa’aatii kanaatti namoonni kumni dhibbi 6 fi kumni 40 fi 589 dhibee COVID-19n kan qabaman yoo ta’u, namoonni kumni 28 fi 794 ammoo lubbuu isaanii dhabaniiru.
 
Maddi:- Reuters fi washington post
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.