Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaatti Qeerransi vaayrasii koroonaan qabamuu dhaga’ame

Finfinnee, Bitootessa 28, 2012 (FBC) – Ameerikaatti Qeerransi baka jireenya bineensotaa keessa jiraatu tokko vaayrasii koroonaan qabamuun isaa ibsame.

Qeerransi umrii waggaa 4 Naadiyaa jedhamu qorannoo taasifameen mallattoon dhibichaa irratti muul’achuu isaa aanga’oonni biyyattii ifoomsaniiru.

Dabalataan warreen isa waaliin jiran 6 fi Leencoonni biroos dhukkubsachaa jiraachuu ibsameera.

Taateen kun daraan yaaddesaa ta’uu daayreektarri bakka jireenyaa bineensotichaa dubbataniiru.

Argannoon kun haala tatamsa’ina vaayrasichaa ilaalchisee gaaffiilee haaraa kaasuu danda’a jedhu ogeessi yaala beelladaa Ameerikaa Dooktar Jeen Rooniin.

Ameerikaatti babal’achuu vaayrasichaaf Bineensonni isaan tokko ta’uu danda’u jedhan Dooktar Rooniin.

Yeroo ammas Beelladoota fi bineensota bakka jireenya bineensotaa keessa jiran hundaaf qorannoon taasifamu itti fufeera jedhame.

Maddi:- The Guardian

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.