Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaatti vaayrasii koroonatin lubbuun lammiilee kuma dhibba 2 fi kuma 25 darbe

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2013 (FBC) – Ameerikaatti vaayrasii koroonatin lubbuun lammiilee kuma dhibba 2 fi kuma 25 darbeera.

Biyyoota vaayrasiichan hubaman keessaa ishee jalqabaa kan taatee Ameerikaan lammiileen ishee miiliyoonni 8.6 vaayrasiichan qabamaniiru.

Kanneen keessayis miiliyoonni 3.4 ol dandamataniiru.

Ameerikaatti lakkoofsii namoota vaayrasichan qabamanii dabalaa jira jedhameera.

Jimaataa fi Sambataa qofa namoonni kumni 83 ol vaayrasichaan qabamaniru.

Biyyattitti ammallee of eeggannoo yoon hin taasifamne lakkoofsii namoota du’aanii akka dabaluu ogeeyyiin ibsaniiru.

Addunyaarratti lakkoofsii namoota vaayrasii koroonaatin qabamanii miiliyoona 43.4 yoo qaqqabuu, lubbuun namoota miiliyoona 1.1 ol darbeera.

Maddi:-CNN

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.