Fana: At a Speed of Life!

‘Amma maallaqa osoo hin taane yeroo biyyaa fi ummata itti baraarrudha’ – Aadde Adaanach

Finfinnee, Hagayya 25, 2013 (FBC) – Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee raawwii hojii koree shira diinagdee fi hojmaata seeraan alaa ittisuu fi to’achuuf hundaa’e gamaaggamaniiru.
 
Korichi guyyootan darban hojii hordofii fi to’annoo gaggeesseen sirni bittaa fi gurgurtaa waliigalaa tasgabbaa’uu danda’uu aadde Adaanach ibsaniiru.
 
Keessattuu dhiyeessiin meeshaalee bu’uuraa fi midhaan nyaataa fooyya’uun tasgabbiin qaala’iinsa gatiirratti muul’ate jajjabeessaa fi bu’aa abdii qabu ta’uu dubbataniiru.
 
Ammas seera alummaa to’achuun shira diinagdee waaraan furuuf, hanna, rakkoo bulchiinsa gaarii, hojmaata sosochii hawaasa danqanii fi dhiibbaa uuman ittisuuf hojiin hafan hedduun jiraachuu Aadde Adaanach kaasaniiru.
 
Hawaasni seera alummaa magaalicha keessatti muul’atu ittisuuf sarara bilbila bilisaa 9977 irratti bilbiluu fi Waajjira Kaantibaa darbii 4ffaaffaatti qaaman argamuun eeruu laachuu kan danda’an ta’uu ibsamuu ragaan Waajjira Seekreetariyaa Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
 
FinfinneeFeesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
 
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.