Fana: At a Speed of Life!

Ammeentan tamsa’ina vaayrasii koroonaa dabalaa deemuus lammiileen of eeggannoo taasisaa hin jiran

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2013 (FBC)- Ammeentan tamsa’ina vaayrasii koroonaa dabalaa deemuus lammiileen of eeggannoo taasisaa jiraachuu dhabuu Biirooleen Fayyaa naannoo Oromiyaa fi Kibbaa beeksisan.

Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin turtii kan taasisaan Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaatti daayreektarri hoggansa balaa tasaa fayyaa hawaasaa, qo’annoo fi qorannoo fayyaa obbo Gammachuu Shuumii, naannichaatti tamsa’inni vaayrasii koroonaa yaaddeessa ta’uu ibsaniiru.

Akka fakeenyaatti qorannoo vaayrasichaa muraasni taasifamaa jiraatus lakkoofsi lammiilee vaayrasiichi irratti argamuu fi lubbuun darbaa jiruu olaanaa ta’uu kaasaniiru.

Tamsa’inni vaayrasichaa kan dabaleef labsiin yeroo muddaamaa ka’uu irratti hundaa’ee lammiilee qajeelfamoota Ministeera Fayyaan ba’aan hojirra oolchu dhabuun sababa isaa olaanaa ta’uu daayrekatarichi dubbataniiru.

Hoggaanaan Biiroo Fayyaa naannoo Kibbaa obbo Aqinaaw Kaawuuzaa,tamasa’inni vaayrasiicha haala kan dabaleef qajeelfamoota 3 hojiirra olchuu dhabuun kan dhufeedha jedhaniiru.

Lammiileerra darbees qaamolee mootummaa of dagannaan muul’dhisaa jiraan tamsa’ina vaayrasichaf sababa jedhaniiru.

Yeroo itti aanuutti rakkichaa furuuf qamolee seeraa raawwachisaan waliin qindoominaan ni hojjenna jedhaniiru.

Laammiileen rakkoo hamaaf saaxilamuun dura qajeelfamoota ittisaa vaayrasiicha hojiirra akka oolchan waamicha dhiyeessaniiru.

Malakuu Gadiiftu gabaase

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf; FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.