Hoggansi miira qabsoon rakkoo furuu, diinagdee hoogganuu fi humna waloo qindeessee fayyadamuurratti hojii jajjabeessaa hojjete – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Ebla 21, 2016 (FBC) – Gamaaggamni raawwii hojii Paartii fi Mootummaa kurmaana 3ffaa magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa ture xumurameera.
Fayyadamummaa hawaasaa dhugoomsuuf kurmaana sadan darban keessa misoomaa ariifachiisuu, nageenya mirkaneessuu fi diinagdee hawaasaa fooyyessuuf xiyyeeffannaan kennamee hojjetamaa turuu Pireezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan himaniiru.
Xumura waltajjii kana irratti argamuun kallattii hojii kan kaa’an Obbo Shimallis Abdiisaa hoggansi sadarkaadhaan jiru miira qabsoon rakkoo furuu, diinagdee hoogganuu, humna waloo qindeessee fayyadamuu fi tarkaanfiiwwan addaa lafa qabsiisuu irratti hojii jajjabeessaa hojjechuu himaniiru.
Dilbiiwwan jiran daguuganii fayyadamuun harcaatii jiru sirreessuuf yeroo itti aanutti xiyyeeffannaan hojjechuun murteessaa ta’uu yaadachiisaniiru.
Rakkoolee kenna tajaajilaa, hannaa fi hojimaata badaa dabalatee dhimmoota qormaata imala keenyaa ta’an qindoominaan furuun mul’ata badhaadhinaa waloo galmaan gahuuf xiyyeeffannaa addaatiin hojjetamuu akka qabu Pirezidaanti Shimallis hubachiisaniiru.
Gamaaggamni raawwii hojii Paartii fi Mootummaa kurmaana 3ffaa guyyoota sadihiif gaggeeffamaa tures kallattii karoora hojii itti aanuu kaa’uun xumurameera.
Comments (0)
Add Comment