Har’i Imala Itiyoophiyaan gara cehumsa dinagdeetti taasiftu keessatti guyyaa seena qabeessa – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Caamsaa 2, 2016 (FBC) – Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan har’i Imala Itiyoophiyaan gara cehumsa dinagdeetti taasiftu keessatti guyyaa seena qabeessa jedhan.
Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan hojii eegaluu Ijaarsa Piroojektii Zoonii Diinagdee Addaa Gadaa ilaalchisee ergaa dabarsaniiru.
Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.
Har’i Imala Itiyoophiyaan gara cehumsa dinagdeetti taasiftu keessatti guyyaa seena qabeessa ta’uu Looreetii Nagaa Adunyaa, Muummee Ministiraa keenya Dr. Abiyyi Ahimad Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa (GSEZ) ifatti eegalchiisun mirkaneessaniiru.
Taatee guddaan kun biyyaafi naannoo keenyaf barii bara haaraa kalaqaafi misooma dinagdee qabatamaa kan fidu qofa osoo hintaane, gama kalaqa dinagdee guddisuu, hawaasa naannawichaa humneessuufi itti fufiinsa mirkaneessuutinis gahee olaanaa kan taphatu ta’a.
Gama dinagdeetiin Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa (GSEZ) invastimantii idil-addunyaafi biyya keessaa hawwachuu, al-ergii dabaluu, al-galchii bakka buusuufi indaastiriiwwan teeknoolojii olaanaa jajjabeessuun dhakaa bu’uuraa tarsiimoo industirii Itiyoophiyaa akka ta’uuf kan qophaa’edha.
Zoonichi, xiyyeeffannoo tarsiimo’aa maanufaakchariingii olaanoo, teeknoolojiifi raawwiilee itti fufiinsa qabaniif kennuun, zooniiwwan dinagdee addaa guutuu Afrikaatiif ulaagaa kan kaa’u ta’a.
Hawaasa naannawichaa aangessuu ilaalchisee, mul’ata mootummaa 2025 irra dhaabbachuun kan hundaa’e, Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa (GSEZ) piroojektii dinagdeetii olitti, waadaa ummata Itoophiyaatiif galameedha. Tarkaanfiin addaa kun, carraa hojii kumaatamaan lakkaa’aman umuu cinaatti, carraa hojii naannawichaafi guddina ogummaatiif gumaacha guddaa kan argamisiisudha.
Akkasumas, guddina indaastiriiwwan cinaa jajjabeessuun misooma naannoo keenyaa kan saffisiisu ta’a. Egeree Itti Fufiinsa Qabu: Itti fufiinsaaf kan of kenne, Zooniin Dinagdee Addaa Gadaa (GSEZ) teknoolojiiwwan magariisaafi raawwiilee kalaqaa walitti makuun dhiibbaa naannoo xiqqeessuun, misooma industirii michuu-naannoo (eco-friendly) ta’eef sadarkaa (standard) haaraa kakaasuu kaayyeffateera.
Imala Seenaa Qabeessa Kana Irratti Nutti Makamaa; Egeree ifaafi badhaadhina qabuuf bu’uura yeroo keenyu kanatti, lammiileen Itoophiyaafi michoonni keenya addunyaa hundi piroojektii cehumsaa kana akka deeggartaniifi irratti hirmaattan kabajaan isin afeerra.
Waliin hojjechuun, Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa gara wiirtuu carraafi kalaqaatti haa jijjiirru.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment