Waggoottan shanan darban rakkoowwan gamhedduu keessatti bu’aaleen gurguddon galma’aniiru – Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Caamsaa 14, 2016 (FBC) –Waggootaan shanan darban rakkoolee hawaas dinaagdee hedduu mudatan dandamachuun bu’aalee gurguddoo galmeessuun danda’amuu Itti Aanaan Pireezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin ibsaniiru.
Obbo Awwaluu Abdiin haala waqtaawaa Naannoo Oromiyaarraati Turtii Faanaa Biroodkastingi Korporeet waliin taasiisaniin, Oromiyaatti rakkoo nageenyaa mudate dandamachuun guddinni dinaagdee fooyya’aan galmaa’uu kaasaniiru.
Mootummaan waggoottan shanan darban aarsaa lubbuu kaffaluun haalota rakkisaa keessa taa’e inisheetiviiwwan haaraa bocuun hojitti galuu dubbataniiru.
Uummanni nagaan ba’ee nagaan akka galuu nageenya waaraan mirkanneessuuf aggaammiiwwan diinaa uummata Oromoo irratti aggaamaman karaa guutuu ta’een qolachuun injifannoo argame tikfachuu fi ceesisuuf hojii ijoon hojjetamu Obbo Awwaluun eeraaniiru.
Rakkoowwan hawaas dinagdee furuuf hojiileen misooma hedduun hojjetamuus Obbo Awwaluun dubbataniiru.
Haaluma kanaan waggoottaan shanan darban naannichatti piroojeektoonni kuma 55 ol hojjetamuun tajaajilaaf banaa ta’uu himaniiru.
Misooma qamadiin akka biyyaatti hojii bal’aa hojjetameen milkaa’inni addaa galmaa’uu kaasaniru.
Mootummaan naannoo Oromiyaa hojii nageenyaa cinaatti misoomaaf xiyyeeffannoo kennuun oomishaaf Oomishtummaa dabaluuf Inisheetiviiwwan kanneen akka, Misooma Qamadii, Kuduraa fi muduraalee, Maaddii Guutuu fi kanneen biro hojiirra oolchuun bu’aa jajjabeessan galmaa’uu ibsaniiru.
Akkasumas galii mootummaa naannoo Oromiyaa dachaa sadiin guddachuu eeraniiru.
Gochawwaan Hojii misoomaa gufachiisaan waloon qolachuuf ummanni mootummaa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Haalli nageenyaa naannichaa fooyya’aa jiraachuu eeruun, nageenyaa waaraa mirkanneessuuf hojiin olaantumma Seeraa kabachiisuu cimee kan itti fufu ta’uus eeraniiru.
Ummanni mootummaa Cinaa dhaabbachuun olaantumaa seeraa kabachiisuu tarkaanfii fudhatamaa jiru deeggaraa jiraachuu kaasaniiru.
Humni hidhatee bosonaa Oromiyaa keessaa socho’aa jiru tarkaanfii Qaamoleen nageenyaa fudhataa jiran dandamachuu dadhabuun harka kennachaa jiraachuus himaniiru.
Kanamalees waamicha Mootummaan taasiiseef fudhachuun karaa nagaan Mootummaatti harka kennachaa jiraachuus ibsaniiru.
Naannichatti ammas Hojiileen misoomaa ummata waliin qindoominaan kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.
Ummanni hojii Mootummaan hojjechaa jiru deeggaruun mootummaa cinaa dhaabbachuu ibsa jira jedhan.
Nageenya Oromiyaa waaraan Mirkanneessuuf hojiin jalqabame cimee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.
Tsahaay Gulummaatiin
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment