Johaan Tiitar Ruuperti sooressaa addaa duree Afrikaa

Finfinnee, Caamsaa 11, 2015 (FBC)- Johaan Tiitar Ruuperti sooressaa addaa duree Afrikaa Kibbaa yoo ta’u, Afrikaa keessaa sooressa sadarkaa 2ffaa ta’uutu himama.

Qabeenyi sooressa kanaa qulqullaa’e sa’aatii 24 keessatti qofaa Doolaara miiliyoona 286 akka dabale gabaasni ‘Billionaires Africa’ ni argisiisa.

Sababni dabaluu qabeenya sooressichaa gabaa addunyaa keessatti oomishaalee sa’aatiiwwan gatii jabeeyyii, faayaalee fi faashinii dhiyeessuun kan beekamu gatiin qooddannaa dhaabbata ‘Rechmanti’ guddachuun ta’uu himameera.

Galiin dhaabbatichaa kan bara darbeen yoo madaalamu %19 dabaluun kan eerame, bu’aan isaa qofti %60 dabaleera jedhame.

Qabeenyi Sooressicha Johaan Ruuperti sa’aatii 24 keessatti Doolaara miiliyoona 286 dabaluurraan kan ka’e, qabeenyi isaa Doolaara biiliyoona 13.7 ga’uun eerameera.

Kunis addunyaa kanarraa sochii biiliyeenaroota 500 kan hordofu Gabatee Biliyeenarootaa Biluumbaargiin mirkanaa’uu gabaasichi ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment