Aadde Adaanach Abeebeen ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Ebla 26, 2016 (FBC) – Kaantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen Ayyaana Sooma Hiikaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Waayita ayyaana kana kabajni tokkummaa, walummaa fi obbolummaan kabajuu qabna jedhan.

Iyyasuus Kiristoos aarsaa lubbuu taasiisuun jaalala dhala namaaf qabu akkuma mul’ise nutis walgargaaruu fi jaalalaan ayyaana Sooma Hiikaa kabajuu qabna jechuun dhaamaniiru.

Ayyaanni Du’aa Ka’uu Iyyasuus Kiristoos ummata Ityoophiyaa fi hordoftoota amantaa Kiristaanaa maraaf ayyaan jaalalaa, dhiifamaa, nageenyaa fi gammachuu akka ta’u hawwaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment