Aadde Adaanach Lammii Kuraatti piroojektoota guyyoota 90 keessatti hojjetaman eebisan

Finfinnee, Bitootessa1, 2015 (FBC) – Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebeen Kutaa magaalaa Lammii Kuraatti piroojektoota guyyoota 90 keessatti hojjetaman eebbisuun hojii eegalchiisaniiru.

Saganticharratti Aadde Adaanach dabalatee Daayrektarri Arteefishaal Intalajansii Warquu Gaachannaa, Daayrektarri olaanaan Bulchiinsa Odeeffannoo biyyaalessaa Salamoon Sokkaa fi keessummoonni waamichi taasiifameef argamaniiru jedhame.

Manneen waliin jireenyaa abbaan darbii 4 guyyoota 90 darban keessatti hojjetamanii xumuraman 6 lammiilee harka qalleeyyiif ni dabarfamu jedhameera.

Waliigalaan manneen 240 lammiilee harka qalleeyyiif kan laataman ta’uu eerameera.

Piroojektoota bishaan dhugaatii dabalatee piroojektoonni fayyadamummaa ummataa mirkaneessan biroon eebbifamuun tajaajilaaf banaa kan ta’an ta’uu ragaan Waajjira Kantibaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dab’u kanneen beealataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment