Aadde Adaanach qaala’insa jireenyaa hir’isuuf to’annaa gabaa cimsuu fi sirni daldalaa sirreeffamuu akka qabu ibsan

Finfinnee, Onkololeessa 19, 2013 (FBC)-Itti aantuun kantiibaa magaalaa Finfinnee qaala’insa jireenyaa hir’isuuf to’annaa gabaa cimsuu fi sirni daldalaa sirreeffamuu akka qabu ibsaniiru.

Aadde Adaanach, Xoor Hayloochitti Amuddii pilaazaa, Supparmaarkeetii Kuwiinsi daawwataniiru.

Aaddee Adaanach giddu galawwan gabaa akkanaa baayyachuunii fi babal’achuun fedhii gabaa jiraattotaa guutuuf, dhiyeessa omishaalee dabaluu fi gatii wal madaalaa ta’een oomisha dhiyeessuun qaala’iinsa jireenyaa fi gatii magaalatti keessatti muul’atu hir’isuuf shooraa olaanaa qaba jedhaniiru.

Cancala bittaa fi gurgurtaa gabaabsuun omisha, omishtoota irraa gara fayyadamtootaatti kallattii fi gatii walmadaalaa ta’een dhiyeessuuf dhaabbilee ciminaan dalaganiif xiyyeeffannoo fi deeggarsa barbaachisu kennuun naannawa hundattuu giddu galawwan bittaaf gurgurtaa walfakkaatoo akka jiraatuu ni hojjenna jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment