Aadde Adaanachi agarsiisa Saayinsii fi Kalaqaa sadarkaa magaalaa manneen barnootaa magaalaa Finfinnee banan

Finfinnee, Caamsaa 16, 2016 (FBC) – Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanechi Abeebeen agarsiisa Saayinsii fi Kalaqaa sadarkaa magaalaa manneen barnootaa magaalaa Finfinneetti qophaa’e bananiiru.

Hojiileen kalaqaa ce’umsa Itiyoophiyaaf riqicha ta’uu Aadde Adaanecha ibsaniiru.

Ijaarsa dhalootaaf xiyyeeffannoo kennuun, dhaloota rakkoo furuu fi waan barate qabatamaan agarsiisuu danda’u harochuun kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Yeroon irratti argamnu yeroo waan dubbannuu fi shaakalluu hundaa qabatamaan itti agarsiisuu dandeenyu ta’uu hubannee waan eegallee qabatamaan hojiitti hiikuu qabna jedhan Aadde Adaanech fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Hojiileen kalaqaa kunneen agarsiisa kana qofarratti kan hafan osoo hin taane hojitti jijjiiramanii maqaa magaalaattii fi biyyattii waamsisuu akka qaban yaadachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment