Aadde Adaanachi ayyaana Masqalaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Fulbaana 16, 2016 (FBC) –Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebeen ayyaana Daamaraa Masqalaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Ayyaanni Masqalaa Ayyaana Iyyasuus Kiristoos dhala namaaf jecha garaagarumma tokko malee du’aaf dabarsee of kennuun jaalala gita hin qabne itti mul’ise ta’uu ibsaniiru.

Nutis jaalala Iyyasuus Fannoorratti mul’ise fakkeenya taasisuun jalaala, tokkummaa fi walummaan akka Daamaraa Ida’amuun walkabajuu fi tokkummaan jiraachuu qabna jedhan.

Hundi keenya nageenyaa fi misooma magaalaa keenyaaf akka Daamaraa yaa ida’amnu jechuun ergaa dhaamaniiru.

Ayyaanni Daamaraa fi Masqalaa ayyaana jaalalaa, nageenyaa, fayyaa fi Badhaadhinaa akka ta’u hawwaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment