Aadde Adaanech ijaarsa Gamoo mana jireenyaa jiraattoota galii gadi aanaa qabaniif oolu eegalchiisan

Finfinnee, Caamsaa 18, 2016 (FBC) – Kaantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen kutaa magaalaa Liddataatti ijaarsa Gamoo mana jireenyaa jiraattoota galii gadi aanaa qabaniif oolu eegalchiisaniiru.

Ijaarsa gamoo abbaa darbii 9 eegalchiisaniiru.

Manneen jireenyaa kanneen dhaabbanni ijaarsaa TNT, Itiyoo – Kooteeji, fi Korporeeshiniin manneenii magaalaa Finfinnee waloon kan ijaaran ta’uu eeraniiru.

Ganna kana talaajila tola ooltummaan manneen jireenyaa kuma 3 fi 500 ijaaruun harka qalleeyyii kuma 17 fi 500 fayyadamoo taasiisuuf kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.

Ganna darbe manneen jireenyaa kumni 6 fi 730 ijaaramuun tajaajilamtootaaf darbuu Aadde Adaanechi kaasaniiru.

Sagantaa Tajaajila tola ooltummaa ganna kanaan sagantaalee garaagaraa qopheessuun hawaasa galii gadi aanaa qaban miiliyoona 1.2 fayyadamoo taasiisuuf ni hojjetama jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment