Aadde Loomii Badhoon Hordoftoota Amantaa Kiristaanaaf erga baga ayyaana Faasikaa geessaanii dabarsan

Finfinnee, Eebila 23, 2013 (FBC)- Af Yaa’iin Caffee Oromiyaa aadde Loomii Badhoo Hordoftoota Amantaa Kiristaanaaf erga baga ayyaana Faasikaa geessaanii dabarsaniiru.
Guutuun ergicha akka argamaan gadiitti dhiyaateera.
Ayyaanni Faasikaa, hordoftoota amantaa Kiristaanaa biratti, Yaadannoo Du’aa Ka’uu Kiristoos waan ta’eef, ayyaana guddaa waggaa waggaan kabajamudha.
Waaqayyo dhala namaa cubbuuttii fayyisuuf, du’a bara baraa irraas ilmaan namootaa baraaruuf, tokkicha ilmasaa Kiristoosiin aarsaa cubbamootaa gochuun dabarsee biyya lafaaf yommuu kennu, isatti namni amane hundi, jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka baduuf miti amantaa jedhuun kiristaanota biratti waan hubatamuuf guyyaan kun guyyaa fannoofi du’aa ka’uu Kiristoos jedhamee kadhataafi galataan yaadatama.
Guyyaa gara biyya lafaatti dhuferraa eegalee qormaatilee hedduu keessummeessaa kan ture Kiristoos, yaadannoon guyyaa fannoo gidiraafi dararaa hedduun guyyaa irra gahe, darbees hoolaa araaraa ta’ee gatii cubbuu dhala namaaf jecha tokkicha lubbuusaa fannoo irratti dabarsee wareeguu isaatiin golgaa dukkanaa diigee kakuu haaraatti dhiigasaan sabasaa ceessise.
Yaadannoon lammataa, awwaala du’aa diigee guyyaa itti ka’e yommuu ta’u, kunis, guyyaa injifannoo irreen du’aa itti cabe, guyyaa gammachuufi galataati. Ummanni keenyas, guyyaa kana sababeeffachuun mallattoo ayyaanichaa kan ta’e araaraafi dhiifamaan akkasumas, aadaa walgargaaruu boonsaa qabuun harka qalleeyyiifi daa’imman maatii hin qabne gargaaruun jaalalaafi tokkummaan wal ta’ee ayyaana galataa kana waliin kabajuuf barsiifanni qabu ammas daran cimee itti fufuu qaba.
Ayyaanni bara kanaa, rakkinoota adda addaa namtolcheefi uumamaa sadarkaa biyyaafi naannoo keenyatti nu mudachaa turan dandamachaa badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf wayita imala daandii badhaadhinaa irratti argamnutti kan kabajamu ta’uun isaa immoo ayyaanota kanaan dura kabajaa turre irraa adda isa taasisa.
Keessattuu, dhibeen COVID-19 lubbuu qaalii lammiilee keenyaa irraan miidhaan qaqqabsiisaa jiru, gama hawaasummaafi siyaas-diiangdeenis rakkooleen hordofsiisu guddaa ta’us, tarkaanfilee adda addaa mootummaan fudhachaa tureen balaa sanaa’ol tilmaamamuu danda’u hambisuun injifannoo guddaadha.
Ammas dhibeen kun, biyya keenya irra darbee sadarkaa idil-addunyaatti fala waaraa waan hin arganneef, dagannaan gama hawaasa keenyaatiin amma mul’achaa jiru wareegama hin barbaachifne nu kaffalchiisuu waan danda’uuf ofeeggannoo cimaa mootummaan gorsaafi tarkaanfilee hordofsiisuu danda’an kennu hojiirrra oolchuun wabii lubbuu keenyaa akka taanuuf ummata keenya akeekkachisuun barbaada.
Gama biraan, rakkoo nageenyaa asiifi achitti darbee darbee mul’atu qaamolee nageenyaa waliin hawaasni keenya qindoomuun nageenya biyyaafi naannoo keenyaaf waardiyyaa dhaabbachuun cinaatti, filannoon biyyaalessaa marsaa 6ffaa baatii tokkoon booda gaggeeffamu demokratawaa, bilisaafi birmadummaan ummataa kan itti mirkanaa’u akkasumas, bu’aa filannoo kanaan sirna sagaleen paartiilee hedduu keessatti dhagaahamu taasisuun cehumsi gara demokiraasiitti taasisaa jirru akka hin gufanneef gahee lammummaa ofii bahachuun jaalala biyyaaf qabnu calaqqisiisa.
Caffeen Oromiyaas, qaama sagalee ummataatiin hundaa’uufi bakka bu’ummaa ummataa fudhatee hojjechaa jiruufi boris itti fufu waan ta’eef, itti gaafatamummaa dachaa akka qaama mootummaattis ta’e akka bakka bu’aa ummataatti qabu kana mirkaneessuuf ergama isaa ciminaan kan bahatu ta’uu mirkaneessaa irra deebi’uun Ayyaanni Faasikaa (Du’aa Ka’uu Kiristoos) hunda keenyaaf kan nagaa, gammachuu, injifannoofi Badhaadhinaa akka nuuf ta’u hawwiin qabu ibsa.
Loomii Badhoo
Afyaa’ii Caffee Oromiyaa
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment