Aadde Mufaariyaat humna namaa ga’umsa qaban horachuuf xiyyeeffannaan hojjetama jiraachuu ibsan

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2015 (FBC)- Ministeerri Hojii fi Ogummaa humna namaa ga’umsa qabu, carraa hojii amansiisaa fi mijaa’aa uumuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuu Ministirri Miisteerichaa Aadde Mufaariyaat Kaamiil dubbatan.

Ministeerichi hoggantootaa fi ogeeyyii miidiyaalee waliin mari’achaa jira.

Aadde Mufaariyaat waltajjicharratti haasawaa taasisaniin, ministeerichi humna namaa ga’umsa qabu, carraa hojii mijataa fi amansiisaa uumuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Milkaa’ina hojiilee kanneeniif miidiyaaleen ittigaafatama isaanii akka bahatan gaafataniiru.

Biyyattiitti Dhaabbileen Barnootaa Leenjii fi Ogummaa kuma 1 fi 800 ol jiraachuu eeranii, ta’us, hawaasni akka dhaabbilee jijjiiramaatti hubachuun hanqina kan qabu ta’uu himaniiru.

Biyyoonni kan badhaadhan argannoowwan haaraa dhaabbilee ogummaa keessaa maddaniin ta’uu ibsanii, misooma hojii, gurmaa’ina dhaabbilee fi dameewwan ogummaa banuun xiyyeeffannaan kan kennameef ta’uu mirkaneessaniiru.

Zalaalam Gabayyootu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment