Aarsaan Yesuus Kiristoos ilmaan namaatiif jecha kaffale balbala araaraa fi dhiifama addunyaaf kan saaqedha – Obbo Fiqaaduu Tasammaa

Finfinnee, Ebla 26, 2016 (FBC) ¬– Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaan Ayyaana Sooma Hiikaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Aarsaan Yesuus Kiristoos ilmaan namaatiif jecha kaffale balbala araaraa fi dhiifama addunyaaf kan saaqedha jedhan Obbo Fiqaaduu Tasammaan.

Guutuun ergaa isaanii haala argamaan gadiin dhiyaateera.

Kabajamtoota hordoftoota amantaa Kiristaanaa naannoo fi biyya keenyaa, guutuu addunyaatti argamtan baga ayyaana yaadannoo du’aa ka’uu yesuus kiristoos kan bara 2016 tiin nagaan ittiin isin gahe, baga waliin geenye jechuun fedha.

Ayyaanni du’aa ka’uu Yesuus Kiristoos qabiyyeewwan galaa jireenya har’aa fi egeree ta’aniin guutamee, barsiifata gaggaarii baraa baratti muuxannoo ta’anii ce’an hedduudhaanis faayamee hordoftoota amantaa kiristaanaa biratti haala addaatiin kan kabajamudha.

Du’aa ka’uun Yesuus Kiristoos araaraa fi dhiifama labsee addunyaadhaaf nagaa buusuudhaan gamatti jibbaa jaalalaan wal’aanee cubbuu ilmaan namaatis haquun golgaa gidduu namaa fi waaqaa ture kan cabse, garaa garummaa namoota gidduutti dagaages maqsee isa fagoo walitti dhiyeessuu, kan wal dhabes walitti firoomsuu kan danda’e boqonnaa haaraa daandii qajeelummaa diriirse akka ta’e barsiifamtni amantichaa ni akeeka.

Wareegamni Kiristoos cubbuu ilmaan namaatiif jecha kaffales aarsaa dhala namaarraa badii haqee qulqullummaadhaan kan bakka buuse ta’uu yaadachuudhaan kabajaa fi mararfannaa ol’aanaadhaan kabajama.

Kabajamtoota hordoftoota amantaa kiristaanaa Naannoofi biyya keenyaa, Aarsaan Yesuus Kiristoos kaffale boqonnaa jibbaaf hammeenyaa cufee daandiin jaalalaa fi araaraa akka saaqamu taasiseera. Oolmaan copha dhiiga kiristoosiin barraahe kunis ilmaan namaatiif qajeeltoo jireenya yeroo maraa kan bu’uuresse, dhiifamni filannoo mo’attootaa akka ta’es kan mirkaneessedha.

Har’a wayita yaadannoo du’aa ka’uu Yesuus Kiristoos kabajnu barsiifata gaggaarii guyyaan kun nu dhaalchise hojiirra oolchuu, muuxannoo argannes qajeeltoo jireenya keenyaa guyyaa guyyaa godhachuutu nurraa eegama.

Qormaataaf osoo hin jilbeeffatin obsaaf cichoominaan tarkaanfachuu, jibbaa jaalalaan, wal dhabdees araaraan injifachuu kiristoos aarsaa kaffaleen nu barsiiseera.

Dhalootni har’aatis tokkummaa gidduu isaa jabeessuudhaan miira obbolummaa dhugaatiin waliin dhaabbachuu, daandii dhiifamaa fi araaraa qabatee fuula duratti imaluutu irra jiraata.

Kabajamtoota ummata naannoofi biyya keenyaa,
Biyyi keenya Itoophiyaan seenaa hiyyummaaf boodatti hafummaa jijjiiruudhaan badhaadhina hunda galeessa dhugoomsuuf imala abdachiisaa irratti argamti. Qormaata ishee muudatu gara carraatti jijjiiraa dameewwan garaa garaatiinis injifannoo hedduu galmeessaa kan jirtu biyyi keenya qabeenya waloo keenyaa waan taateef har’as akkuma kaleessaa miira biyyaalessummaa ol’aanaadhaan tiksuu fi kunuunsuun murteessaadha.

Duudhaan waliin jireenyaa sadarkaa hundatti dagaagee akka mul’atu, rakkoon nageenyaa iddoolee garaa garaatti mul’atus karaa nagaatiin furmaata akka argatu qindoominaan hojjachuu qabna.

Mul’atni badhaadhina biyyaa kan galma gahu hirmaannaa lammii hundaatiin waan ta’eef sochiilee misoomaa, nageenyaa fi ijaarsa sirna diimokiraasii keessatti qooda fudhannaa keenya dachaan guddisaa, gufuuwwan imala keenya qoranii fi walooma keenya laaffisan tokkummaan dura dhaabbachuun murteessaadha.

Xumura irrattis ayyaana kana yemmuu kabajnu gara laafina aarsaan Yesuus Kiristoos nu barsiise cimsuudhaan kan qabnu irraa isa hin qabneef qoodaa, wal gaafachaa fi wal cinaa dhaabbachaa miira obbolummaa ol’aanaadhaan waliin ayyaaneffachuu akka qabnu dhaamsa koo dabarsaa ayyaanichi kan nagaa, gammachuu fi milkaahinaa akka nuuf ta’un hawwa.

Ayyaana Gaarii

Fiqaaduu Tasammaa

I/G Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment