Abbaan Taayitichaa qaamolee hanqina boba’aa uuman irratti tarkaanfii kan fudhatu ta’uu beeksise

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2014 (FBC) – Abbaan Taayitaa Boba’aa fi Inarjii qaamolee hanqina boba’aa uuman irratti tarkaanfii keessa deebii hin qabne kan fudhatu ta’uu beeksise.

Abbaan taayitichaa dhimmicha ilaalchisuun ibsa baaseen, magaalaa Finfinnee fi magaalota naannoleetti shira diinagdee uumuuf hanqinni boba’aa uumamuu kaaseera.

Magaalota garaagaraa fi bosona keessatti bootteewwan boba’aa fe’an argamuu abbaan taayitichaa eereera.

Abbaan taayitichaa qaamolee hanqina boba’aa uuman irratti tarkaanfii keessa deebii hin qabne kan fudhatu ta’uu yaadachiiseera.

Haaluma kanaan qaamoleen boba’aa karaa garaagaraan dhoksan guyyaa har’aa hanga sa’aatii 10tti dhiyeessii isaanii hin fooyyessan yoo ta’ee fi kara sarara sirriitti hin deebi’an yoo ta’e tarkaanfiin dhorkii hanga qabeenyi isaanii duraa fudhatamuu irra ga’uu akka danda’u akeekkachiiseera.

Tasfaayee Kabbadaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment