ABUT naannoo Affaar aanaa Baarihaalleetti haleellaa raawwateen hedduun qe’ee fi qabeenyaasaaniirra buqqa’an

Finfinnee, Hagayya 25, 2013 (FBC)- Gareen shororkeessaa ABUT Affaar aanaa Baarihaalleetti haleellaa raawwateen hedduun qe’ee fi qabeenyaasaaniirra buqqa’aniiru.

Aanaa Baarihallee ganda Shaay Guubii mana barumsa sadarkaa 1ffaa keessaa namootaa da’aatanii jiraaniif deeggarsi qaqqabaa hin jiru.

Yeroo amma kanaas buqqatoonni nyaata hawaasa naannichaarra laatamuufin jiraachaa akka jiraan galaalchaan keenya naannichatti argamu taajjabeera.

Garee shoroorkeessa ABUT’tiin haleellaan qaqqabee cima ta’uu ibsuun deeggarsi namoomaa kan isaan barbaachisuu ta’uu beekameera.

Taarikuu Laggasaatu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment