Af Yaa’iin caffee Oromiyaa ayyaana Masqalaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Fulbaana 16, 2016 (FBC) –Af Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan ayyaana Masqalaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaateera.

Masqalli hordoftoota amantaa Kiristaanaa biratti seenaa Fannoo Kiristoos waliin kan wal qabatu, barri haaraan seenee baatii jalqabaarratti ayyaana kabajamu, ayyaana guddaafi jaallatamaa, Oromoo biratti ‘Masqala Mootii Ayyaanaa’ jedhamee beekamu kanaan baga isin gahe!

Birraan waamara; ayyaanni Masqalaas mallattoo nagaa, quufaafi gammachuuti. Barii birraa dacheen ililii birraan faayamtee, uumamni halluuwwan addaa addaan miidhagina addaa dacheetti horee, ijaafi qalbii namaa hawwachuun, asheetni gahee abdiifi gammachuu addaa namatti kan horu, baatii eebbifamaa, uumaafi uumama ittiin galateeffataniifi dinqisiifatanidha.

Oromoon hambaalee aadaa, duudhaalee jajjaboo marartoo hawaasa keenyaa ta’an hedduu barootaaf kuufamee hin dhumne qaba. Keessaahuu, ayyaanonni ummataa sona mataa isaanii kan qabaniifi duudhaalee adda addaa ittiin yaadataman keessaa, hariiroo waliin jireenya hawaasaa cimsuu, waliif tumsuufi wal deeggaruun ayyaanota ummataa irratti caalmaan bahanii kan mul’atan mallattoo waloo tokko isaan taasisu waan ta’eef, duudhaalee akkanaa itti fufsiisuun hariiroo waliin jireenya keenyaa caalmaatti haa cimsannu.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas, ummata isaa qabatee galmoota imala badhaadhinaa milkeessuu danda’an bocuun hojii qabatamaatti erga seenee milkaa’inoonniifi injifannoowwan abdii qabeessaafi guddina biyyaa dhugoomsan gama dinagdee, hawaasummaafi siyaasaan galmeessuun danda’amee jira.

Hojiiwwan gaggaarii akka biyyaafi naannootti hojjechaa turreen injifannoon arganne akka salphaatti kan dhufe osoo hin taane, qormaatilee nu mudachaa turan injifannee mul’ata fagoo qabanne milkeessuu irratti argamna.

Caffeen Oromiyaas, hojiiwwan karoorfaman qixa sirrii guddina diinagdee biyya keenyaa dhugoomsuu danda’aniin raawwatamanii akka milkaa’aniif gahee bakka bu’ummaa isaa kan bahatuufi fayyadamummaa ummata keenyaa dhugoomsuuf hojii eegale cimsee kan itti fufu ta’a.

Hojiin keenya har’aa egeree keenya murteessuufi akeekuuf carraa bal’aa qaba. Kanaaf, carraa har’a hojjechuuf arganne sirriitti fayyadamuun humnaafi beekumsa, leeccaalloo jiruun qindeessinee halkaniifi guyyaa hojjennee ofiifi biyya keenya jijjiiruun dhaloota seenaa taanee argamuuf yeroon qabnu har’a waan ta’eef, dhaloota raajii hojjetee seenaa kaleessaa jijjiiru taanee argamuuf xiiqiin hojjannee boqonnaa haaraatti ceessisuu qabna.

Dhumarrattis, wayita ayyaanicha kabajnu, tokkummaa keenya cimsuun nageenya qe’eefi naannoo keenyaa tikfachaa, aadaa waliif yaaduu, kan qabanirraa waliif qooduufi harka qalleeyyii deeggaruu itti fufsiisuu akka qabnu dhaamaa, masqalli bara kanaa kan nagaa, milkii, gammachuufi badhaadhinaa akka isiniif ta’u hawwiin qabu ibsaa, irra deebiin baga nagaan geessan jechuun barbaada.

Sa’aadaa Abdurahmaan

Afyaa’ii Caffee Oromiyaa

Fulbaana 16, 2016

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment