Ambaasaaddar Adam Mahaammad hogganaa Siiviil Aveeyishinii Turkii waliin mari’atan

Finfinnee, Eebila 7, 2014 (FBC) – Turkitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Adam Mahaammad fi Turkitti Maanaajarri Eeriyaalaa Daandii Qilleensa Ityoophiyaa Faakiyaa Abdurahimaan Eeggataa Daayrektara Jeneraalaa Siiviil Aveeyishinii Turkii Proofeesar Dooktar Kamaal Yeekusuuk waliin mari’ataniiru.

Mariisaaniin hariiroo biyyoota lameenii waggoottan 100 ol lakkoofsise haala cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa Afrikaarraa daandii qilleensaa dursaa ta’uu Ambaasaaddar Adam ibsaniiru.

Daandiin qilleensichaa damee daldalaa fi invastimantiin biyyoota lameeniin ga’ee olaanaa ba’achaa jiraachuu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Daandiiwwan qilleensaa biyyoota lameenii gidduutti bara darbe bu’uura waliigaltee mallatteeffameen dhimmoota rarra’anii hafan irratti mari’achuun gara hojiitti hiikuun barbaachisaa ta’uu fi baatii ittaanutti gara Ityoophiyaa dhufuun gitasaanii waliin kan mari’atan ta’uu Proofeesar Dooktar Kamaal Yeekusuukiin ibsaniiru.

Daandiiwwan qilleensaa biyyoota lameenii xiyyaara kaargoo Finfinnee fi Istaanbuulitti fayyadamuuf waliigaluun kan yaadatamudha.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment