Ambaasaaddar Hassan Taajuu Gargaaraa Ministira Dhimma Alaa Kuweetii fi Itti gaafatamaa Dhimmoota Afrikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Eebila 13, 2014 (FBC) –Kuweetitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Hassan Taajuu Gargaaraa Ministira Dhimma Alaa Kuweetii fi itti gaafatamaa Dhimmoota Afrikaa Ambaasaaddar Suleeymaan Alii Sa’iid waajjira isaaniitti argamuun waliin mari’ataiiru.
Marii kanaanis Ambaasaaddar Hassan, haala yeroo waqtaawaa Ityoophiyaa ilaalchisuun ibsa kennaniiru.
Hariiroo biyyoota lamaaniirratti keessattuu, waliigalteewwan bobbii hojjettoota carraa hojii lammiilee hedduuf umamuu danda’aniirratti mari’ataniiru.
Dabalataanis biyyoonni lamaan gama daldalaa, invastimantii tuurizimii, barnoota, aadaa fi dameewwan kanneen biroo irratti deeggarsaan waliin hojjechuuf mari’achuu ragaan waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarra argame ni mul’isa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment