Ambaasaaddar Leencoo Baatiin Ministeera Alaa Saa’ud Arabiyaatti Ministirri Deettaa dhimmoota Afrikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Eebila 17, 2013 (FBC) – Saa’ud Arabiyaatti ergamaan addaa fi Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Leencoo Baatiin Ministeera dhimma Alaa Saa’ud Arabiyaatti Ministirri Deettaa dhimmoota Afrikaa Ahimad Qaxan waliin dhimmoota waloorraatti mari’atan.

Dhimmoota waloo fi naannichaarratti mari’ataniiru.

Lammiilee Ityoophiyaa Saa’ud Arabiyaatti iddoo tursaa keessa jiran saffisaan gara biyyaa deebisuurratti waloon hojjechuuf walii galuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni agarsiisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;https://www.facebook.com/fanabroadcasting

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment