Ambaasaaddar Taayyeen Bakka Buutuu Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin mari’atan

Finfinnee, Ebla 22, 2016 (FBC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseen Bakka Buutuu Addaa Barreessaa Olaanaa fi Somaaliyaatti Itti Gaafatamtuu ergama deeggarsaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Kaatiriiyoonaa Laang waliin mari’ataniiru.
Itiyoophiyaan naannawichatti nageenyaa fi tasgabbiin akka jiraatu murannoo olaanaa qabaachuu Ambaasaaddar Taayyeen mirkaneessaniiru.
Kaatiriiyoonaan Laang gama isaaniin, Somaaliyaatti nageenyii fi tasgabbiin akka jiraatu gumaacha olaanaa Itiyoophiyaan taasiifteef galateeffataniiru.
Qaamoleen lamaan yeroo itti aanu haala naannawichatti nageenya mirkaneessuun danda’amurratti mari’achuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment