Ambaasaddar Mallas Alam Ministira Ministeera Dhimma Alaa Keeniyaa Riichel Omaamoon waliin mari’atan

Finfinnee, Eebila 23, 2013 (FBC)- Keeniyaatti ergamaan addaa fi AmbaasaddarriFDRI Mallas Alam Ministira Ministeera Dhimma Alaa Keeniyaa Riichel Omaamoon waliin mari’ataniiru.

Ambaasaddar Mallas Alam haala yeroo naannoo Tigraay, marii sadee hidha haaromsaa, dhimma daangaa Ityoo- Sudaanii fiDooktar Arkabaa Iqqubaay Dhaabbata Misooma Indastrii Dhaabbata biyyoota Gamtoomaniif kadhimamuu akkasumas filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa ilaalchisee ibsa kennaniiru.

Riichel Omaamoon gama isaaniitin akkaata qajeelfama rakkoowwan Afriikaaf furmaata Afriikanoota jedhuun dhimma hidha haaroomsaas ta’ee, dhimmi daangaa Ityoo- Sudaan karaa nagaan furmaata akka argatu amantii qaban ibsaniiru.

Keeniyaan walitti dhufeenya Ityoophiyaa waliin qabdu daran cimsuuf fedhii akka qabdu ibsaniru.

Haaluma kanaan biyyoota ollaa gidduutti daangaan kan walgargaarsa malee madda walitti bu’insaa ta’uu hin qabus jedhaniiru.

Barbaachisummaa filannoofi rakkoowwan adeemsa isaarratti mudatan ilaalchisee muxannoo biyyasaanii kaasuun Ityoophiyaan filannoo fulduraa milkiin akka dabartus amantii qaban ibsaniiru.

Gama biraatin Dooktar Arkabaa Iqqubaay Dhaabbata Misooma Indaastrii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniif kadhimamuun gama Gamtaa Afriikaatin deeggarsi kan laatame ta’uu himuun, Keeniyaanis akka deeggartu mirkaneessaniiru.

Keeniyaan walitti dhufeenya Ityoophiyaa waliin qabdu daran cimsuuf fedhii akka qabdus himaniiru.

Ambaasaddar Aalamis gama isaanitin Ityoophiyaan qajeelfama rakkoo Afriikaaf furmaata Afriikanawaa jedhuuf ejjannoo hin jijjiramne akka qabdu himaniiru.

Filannoon biyyaaleessaa fulduree Itiyoophiyaa foyyeessuun cinaatti, gahee olaanaa waan qabuuf haqa qabeessaafi naga qabeessa akka ta’uuf mootummaan ciminan hojjachaa jiraachuu ragaan  Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’dhisa

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment