Ameerikaan himannaa sarbama mirga namoomaa Ityoophiyaarra keesse kaafte

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2015 (FBC) – Ameerikaan himannaa sarbama mirga namoomaa Ityoophiyaarra keesse kaasuun deeggarsi maallaqaa kamuu akka hin dhorkamne beeksifteetti.

Waashingitan himannaa Ityoophiyaarraa keesse kaasuu ibsuu Barruun ‘Foreign Policy’ sanada Ministeera Dhimma Alaa Yunaayiitid Isteetis wabeeffachuun gabaaseera.

Kana booda Ityoophiyaan dhaabbilee liqeessitootaa kamuurraa liqaa fi deeggarsa maallaqaa argachuu akka dandeessu himeera.

Murtoon Ameerikaa kun Ityoophiyaan dhaabbilee Maallaqaa Idil Addunyaa kanneen akka Fandii Maallaqaa Idil Addunyaa fi Baankii Addunyaarraa deeggarsaa fi Liqaa akka argattuuf kan dandeessisuudha jedhame.

Murteen kun hariiroo Waashingitanii fi Ityoophiyaa waliin qabdu sababa Waraana Kaaba Ityoophiyaan qabbanaa’ee ture deebisee haaromsuuf Ameerikaan fedhii akka qabdu kan agarsiisu ta’uu barruun kun ibseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment